Wed. Aug 26th, 2026

Loading

Gaazexxeessaan Tigiraay Miidiyaa hawusii fi Ityoophiaatti bakka bu’aa fi qopheessaan olaanaa Ayigaa Fooram too’annoo jala oolan

Gaazexxeessaan Tigiraay Miidiyaa hawusii fi Ityoophiaatti bakka bu’aa fi qopheessaan olaanaa Ayigaa Fooram too’annoo jala oolu Raayyaa Ittisaa Biyyaa beeksise.

Gaazexxeessittonni Tigiraay Miidiyaa hawusii gaazexxeessaa Fistuum Birhaanee fi Ityoophiaatti bakka bu’aa Fi qopheessaan olaanaa Ayigaa Fooram gaazexxeessaa Taamiraat Yemaane Magaalaa Maqaaleetti mana nama dhuunfaa istuudiyoo kireeffachuun piroopaagaandaa sobaa tamsaasaa turanitti too’annoo jala oolaniru.

Sakkata’insa mana namoota kanaatti taasifameen, garee juuntaaf ergamuuf kan ture qorichoota hedduu, uffata, meeshaalee elektirooniksii fi dookimantiin hedduun qabamuu himameera.

Ajajaan Olaanaa kumaa 3ffaa Kumaalaa Darajjee Deebisaa Magaalaa Maqaalee keessatti nagaaf tasgaabii uumuuf tarkaanfii garagaraa fudhataman keessaas meeshaalee waraanaa salphaa hanga meeshaalee gurguddootti hojiin namoota dhuunfaa irra hiiksisuus raawwatamuu himaniiru.

Fuulli miidiyaa hawaasaa Raayyaa Ittisa BIyyaa akka mul’isutti, magaalittitti hannaafi dhimmonni yakkaa waliin walqabatanis hir’achuu himaniiru.

Maddi: FBC

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use [email protected] as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply