Wed. Oct 4th, 2023

Himannaa paartii Sochii Biyyaalessaa Amaara(ABN) irratti mootummaan maal jedhe?

May be an image of text

Paartiin Sochii Biyyaalessaa saba Amaaraa (ABN) ibsa haala nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jiruu fi rakkoo saba Amaaraa irra ga’aa jira jedhuun baaseen, mootummaa federaalaa fi paartii Badhaadhinaa MM biyyattii Abiy Ahmadiin durfamu akkaan qeeqeera.

Mootummaan biyya bulchaa jiru nageenyaa fi xiinsammuu hawaasaa eeguu hin dandeenye kan jedhe ibsi kun, keessattuu ministira Muummee Abiyiifi qondaaltota paartii badhaadhinaa naannoo Oromiyaa ”gocha shororkeessummaa saba Amaaraa irratti raawwataa jiru,” jechuun himateera.

Ibsa ba’e kanarratti yaada kan kennan Hoogganaan Sab-quunnamtii fi hariiroo alaa Paartii Badhaadhinaa Dr Biqilaa Hurrisaa, waggoota sadan darban kana keessa paartiin ibsa baasee mootummaa qeequurra darbee sadarkaa shorokeessaatti hamma ramaduutti yaadasaa ibsachuu danda’uun mataansaa milkaa’ina tokko jedhan.

Paartiin ibsa baase kun paartilee finxaaleyyii biyya keenya keessa jiran keessaa tokko kan jedhan Dr Biqilaan, mootummaan humnoota finxaaleyyii gocha badiif waamicha akkasii dhiyeessan hordofee tarkaanfii ni fudhatas jedhan.

”Ibsi ba’e bu’uura hin qabu. Paartilee finxaaleyyiin akkasuma baasaa yoona ga’an. Mootummaan nageenya uummataa eegu shororkeessaa ta’uu hin danda’u.”

Paartiin ABN ibsa baase keessatti qondaaltota paartii badhaadhinaa kan naannoo Oromiyaa qofa hin himanne, kan naannoo Amaaraa jiranis uummata gowwoomsuurra darbanii bu’aa buusan tokkollee hin qaban jedheera.

Uummata Amaaraa kan shorokeessaa jiru Waraana Bilisummaa Oromooti kan jedhe paartiin kun, kanaafis Ministira Muummee Abiy himateera.

”Hooggantoonni ABO-Shanee magaalaa Finfinnee walakkaa taa’anii hooggansa kennuun akka qaami hidhate kun akka fedhetti baankiiwwan saamee humnasaa cimsatu iyyamameefii, haallis mijateefii jira. Garee kana bakka inni turee kan gara biyyaa galche hooggansa Ministira Muummeeti,” jedha ibsi kun.

”Kanaan dura Ministira Muummee mataasaanii dabalatee akka ibsanii turanitti, garee jedhame kana waliin odeeffannoo wal jijjiiraa akka turan kan beekamuudha. Ammas taanaan tarsimoo addaa bocuun gurmeessaa, deeggeraa fi kunuunsaa jiraachuu dhaabi keenya sirriitti amana,” jedha ibsi kun dabaluun.

Kanarratti yaada kan kennan Dr Biqilaan, paartileen wayita karaa nagaa siyaasa keessatti hirmaachuu dadhaban gara kanatti seenuu jedhan.

”ABN karaa nagaa siyaasa tarkaanfachiisaa wayita dadhabu karaa hawaasa walitti buusuun goolama uumuu kana filate. Fedhii karaa qaxxaamuraan deemuuf qaburraa ibsa kana baase,” jedhan.

Ibsi kun paartilee biyya kana keessa karaa nagaan sochoona jedhan irraa kan eegamu hin turre kan jedhan Dr Biqilaan, ”ta’us ibsi kun kan sadarkaa fi yeroo irra jirru hin madaalleedha,” jedhan.

”Rakkoon Itoophiyaa hookkara kaasuun dhiiga dhangalaasuudhaan kan furamu miti. Mootummaan karaa nagaan mari’atee rakkoo furuuf fedhii qaba. Yoo rakkoon daangaa darbu ammoo olaantummaa seeraa ni fudhata.”

Paartileen bilisummaan yaadasaanii ibsachuuf mirga qabu kan jedhan Dr Biqilaan, garuu akkaataa uummata walitti buusuu fi biyya balaaf saaxiluun ta’uun irra hin jiraatus jedhan.

”Paartiin kamuu karaa nagaan deemee mootummaa yoo qeeqe maaliif hin jennu. Imaammataa fi tarsimoon mootummaa paartii kamiinuu yoo qeeqame rakkoo hin qabu. Garuu karaa hamilee fi xiinsammuu uummataa kabajeen ta’uu qaba. Paartiin ejjennoonsaa uummata walitti buusu yoo jiraate, seeraan gaafatama. Paartiin ABN ibsa qabiyyee uummata walitti buusu qabaannaan gaafatamummaa seeraa jalaa hin ba’u.”

MAddi: BBC

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply