ETHIOPIANS TODAY, ADDIS ABABA (FINFINNEE), ETHIOPIA:
214 total views, 1 views today
Injiinar Taakkalaa Uumaa Baankii Addunyaatti Daayreektar Afrikaa Bahaa fi Kibbaa waliin mari’atan

Ministirri Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaa Baankii Addunyaatti Daayreektar Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Usmaan Diyoon waliin mari’atan.
Injiinar Taakkalaa Uumaa riiformii fi jijjiirama imaammataa fi seeraa damee albuudaa fi kanneen walqabatnirratti ibsa laachuu ibsaniiru.
Haaluma walfakkaatuun hojiiwwaan damichaarratti hojjetaman ilaalchisuun hoogganticha waliin mari’achuu himaniiru.
Baankii Addunyaatti Daayreektar Afrikaa Bahaa fi Kibbaa Usmaan Diyoon gama isaaniin baankiin addunyaa hojiiwwan damee albuudaa fi boba’aarratti hojjetamu akka deeggartu ibsaniiru.
Akkasumaas deeggarsa oogumaas kan taasisaan yoo tahu, fuula duratti deeggarsa ijaarsa dandeettii fi invastimantii irratti akka taasisaan mirkaneessaniiru.
Barbaacha kuusaa qabeenyaa teeknooloojiin deeggaramerratti waliin hojjechuu waliigaluu eeraniiru.
Follow us on:
Telegram: https://t.me/ethiopianstoday
Facebook: https://www.facebook.com/ethiopianstoday
Twitter: https://twitter.com/ethiopianstoday
Instagram: https://www.instagram.com/ethiopianstoday1
Pinterest: https://www.pinterest.com/ethiopianstoday
YouTube: https://www.youtube.com/channel/UC8CrAEUV9Buhu1qaKgptscQ
Google News: https://news.google.com/publications/CAAqBwgKMMf5qQswuYTCAw