![]()
Abbaan Taayitaa Broodkaastiingi Ityoophiyaa maqaa isaa jijjiirrate
Abbaan Taayitaa Broodkaastiingi Ityoophiyaa maqaa isaa gara Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa jedhutti jijjiirrate.
Maqaan haaraan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Ityoophiyaa kunis Gaazeexaa nagaariitiin maxxanfamuun hojiirra ooleera.
Kana hordofee labsiin Tajaajila Broodkaastiingi kana dura hojiirra ture lakkoofsi 533/1999 haqamuun gara lakkoofsa 1238/2013tti jijjiirramuu ragaan Abbaa Taayitichaarraa argame ni muul’isa.
Labsiin tibba darbe Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan ragga’e guddina miidiyaa biyyattiif qooda olaanaa ni qabaata jedhamee eeggama.
Maddi: FBC
