Hiriirri leellistoota nafxanyaan Naannoo Amaaraatti yaamame aggaammii biyya diiguuti jedhan hayyoonni Yuunivarsiitii Bulee Horaa.
Yuunivarsiitii Bulee Horaatti barsiisaan Saayinsii Bulchiinsaa Hayilee Culuqqeefi barsiisaan saayinsii Sooshaal Antirooppooloojii Gammadaa Oddoo; yaamichi hiriira leellistoota nafxanyaan naannoo Amaaraatti yaamame aggaammii biyya diiguuti jedhu.
Dursaan Muummee Gaazexessummaafi Koominikeeshinii Yuuniivarsiitichaa barsiisaa Abarraa Dawoo yeroo rakkoon nagayaa biyya mudatutti miidiyaaleen naamusa gaazexessummaa nagaa fayyadamuu osoo qabanii akka feeteen hojjachuun gatii biyya kaffalchiisuu danda’a jedhan.
Miidiyaan biyyaalessaa gabaasa madaalawaa hin taane dhiheessaa waan tureef Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Federaalaa tarkaanfii sirrii fudhachuu akka qabullee dhaaman.
Itoophiyaan oddoola sabni tokko qofa akka fedhe irra burraaqu adoo hintaane kan Itoophiyaanota hundaa tahuu akka qabdu dhaamsa hayyoota tanaati.
Oromoon burjaajjii didiqqoo akkanaa tanaa of duubatti dhiisee akkuma kaleessaa biyya jabduu ijaaruu qofa irratti hojjachuun tokkummaa cimsuu akka qabu hayyooti kun dhaamaniiru.
OBN
Follow us on:
YOUTUBE FACEBOOK TELEGRAM GOOGLE NEWS TWITTER INSTAGRAM PINTEREST
Subscribe and Follow us via Email
If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com