Wed. Dec 6th, 2023

Loading

“Oromummaa cabsuun akka hindanda’amne abbootiisaaniirraa barachuu qabu” -Abbootii Gadaa Oromoo

Tibbana ajjeechaafi buqqaatii eenyummaarratti hundaa’ee iddoo garaa garaatti raawwatamaa jiru balaaleeffachuudhaaf magaalota naannoo Amaaraa keessatti hiriirri nagaa gaggeeffamaa tureera.

Hiriirichaanis du’aafi buqqaatiin lammiilee nagaa akka dhaabbatuufi dhaadannoolee kanneen biroo kan dhaggeessisan yemmuu ta’u, darbee darbee immoo yaadootni waliin jireenya sabootaa irratti rakkoo uumuu danda’an tokko tokko calaqqisaniiru.

Keessattuu ‘Oromomummaan haa cabu!’ dhaadannoon jedhu Oromoo hedduu biratti komii kaasaa kan jiru yemmuu ta’u, gochi akkanaa kun immoo waliin jireenya sabootaa irratti rakkoo kan uumu waan ta’eef tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu akka qabu Abbootiin Gadaa Oromoo ni gaafatu.

“Qaamoleen jibbiinsa saboota giddutti facaasan kunniin saba Amaaraa bal’aa bakka bu’uu hindanda’an” kan jedhan immoo Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa, ilaalchi akkasii tokkummaa biyyattiifi waliin jireenya sabootaa kallattii hintaanetti kan geessu waan ta’eef tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu akka qabu gaafatu.

Hanga Oromoon lafarra jirutti Oromummaa cabsuun waan yaadamuu miti. Kun immoo Oromoo caalaatti tokkummaadhaaf kan kakaasu akka ta’es ni dubbatu.

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK   TELEGRAM    GOOGLE NEWS  TWITTER  INSTAGRAM   PINTEREST 

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

 

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply