Thu. Apr 18th, 2024

Loading

“Sudaan tibbana Naannoo Beenishangul Gumuuz kan kooti jechuunshee qaaniidha” -Ambasaaddar Diinaa Muftii

Sudaan tibbana Naannoo Beenishangul Gumuuz kan kooti jechuunshee qaaniidha jechuun Dubbii Himaan Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himan.


Ambasaaddar Diinaan ibsa wayitawaa kennaniin akka jedhanitti, angaawotni Sudaan Naannoo Beenishangul Gumuuz bakka Hidhi Haaromsa Guddichi Itoophiyaa itti argamu kan keenya jechuun odeeffannoon tamsaasan qaanessaadha jedhaniiru.


Loltoonni Sudaan daangaa darbanii qonnaan bultoota Itoophiyaa buqqisuun itti xinnaatee, odeeffannoo akkanaa gadhiisuunsaanii qaanessaafi fudhatama kan hin qabnedha jedhanii, mootummaan Itoophiyaas kanaaf deebii ni kenna jedhaniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan waa’ee hidhicharrattiifi daandaa Itiyoo-Sudaanirratti ibsi baase birmadummaa Itoophiyaa gaaffii keessa waan galchuuf ibsa ittigafatamummaansaa hir’ate dha jechuun ibsaniiru.


Dhimmi ibsicharratti ka’e dhimma daangaa Itiyoo-Sudaaniifi hidhichaa wajjiin kan wal hin qabannedha jedhan Ambbasaaddar Diinaa

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK TELEGRAM GOOGLE NEWS TWITTER  INSTAGRAM PINTEREST

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply