Fri. Apr 19th, 2024

Loading

Yakka naannoo Tigraay magaalaa Aksumitti raawwatame ilaalchisee ibsi laatame

Abbaan Alangaa Waliigala Federaalaa Yakka naannoo Tigraay magaalaa Aksumitti raawwatame ilaalchisee qorannoo gaggeessaa ture irratti ibsa laateera.


Baatiwwan lamaan darban keessaa koreen Komishinii Poolisii Federaalaa fi Abbaa Alangaa Waliigala Federaalaa keessaa walitti babba’an waraanaa gareen ABUT labse hordofee yakka baatii Sadaasaa 2013 magaalaa Aksumitti raawwatame irratti hojii qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibsameera.


Yakka loltoota Ityoophiyaa fi Eertiriyaan magaalichaatti raawwatame jedhame mirkaneessuuf qaamaan iddichatti argamuun gochichi raawwatamuu fi dhabuu isaa,akkasumas qaama kamiin akka raawwatame hojii adda baasuu hojjechaa jiraachuu ibseera.
Magaalichatti namoota ajjeefaman jedhaman qulqulleessuuf hojii hojjetameen gareen ABUT dhukaasa Madfiin mana jireenyaa fi Yunvarsiitii irratti xiyyeeffate taasiiseen naannoo mana jireenyaatti namoonni 4, Yunvarsiitii keessatti namni 1, labsii yeroo ariifachiisaa raawwachiisuuf jecha Poolisoota eeggumsarra turan waliin waldhabdee uumameen lubbuu nama 1, waliigala lubbuun namoota 6 darbuu mirkanaa’uu ibsichi eereera.
Gama biroon Raayyaan Ittisaa dirqama birooof magaalichaa gadi lakkisee hanga ba’utti Sadaasa 10 – 18, 2013 magaalicha keessa turee himeera.


Raayyaan Ittisaa Biyyaa Ityoophiyaa dirqama biroof Sadaasa 18 magaalicha gadi lakkisee ba’uu isaa hordofee Raayyaan Ittisaa Eeritiraa lakkoofsaan muraasa ta’an konkolaataa lama ta’an lafa ol ka’oo magaalichaarraa qubachuun tureera.
Gareen ABUT iddoo addaa Adeet jedhamutti dargaggoota kuma 1 fi 500 leenjii guyyaa tokkoo qofa laachuun hojii badiif qopheessuu isaa mirkanaa’eera jedhame.
Qaamolee kanneen waliin dhukaasaa sa’aatii 8f taasiifameen dargaggoonni kunneen dheefuun gara magaalatti baqachuu gareen qorannoo qulqulleessuu ibseera.


Waraanaa gaggeeffameen lubbuun namoota 93 gareen kun mirkaneessuu fi namoonni du’an harka caalu uffata seeraa loltootaa kanneen uffatan yoo ta’uu, kanneen biroos lola keessatti kan hirmaatan ta’uu qorannoo mirkanaa’uu Abbaan Alangichaa himeera.
Yakka dirqiin gudeeduu ilaalchisee miidhamtoonni 116 Poolisiif jecha laachuu ibseera.
Miseensonni Poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisaa yakkicha keessatti hirmaatan kutaa dhimmichi ilaallatuun ilaallamee seeraan akka gaafataman taasiifamuu ibsichi eereera.
Yakka dirqiin gudeeduu raawwatame qulqulleessuuf tattaaffii cimaan taasiifamuus gareen ABUT namoota kuma 10 ol mana hidhaa gadi lakkise uffata seeraa raayyaa Ittisaa Ityoophiyaa fi Eeritiraa uffatanii yakka raawwataa waan turaniif namoota yakka kana raawwatan haalaan adda baasuun rakkisaa ta’uu ibsichi kaaseera.


Yakka ajjeechaa fi gudeeddii raawwate ilaalchisee guduunfaa xumura laachuuf dhimmoonni irra deebiin qoratamuu qaban jiraatus, qaamolee yakkicha raawwatan adda baasuuf ragooliin sanadaa,namaa fi ibsituuwwan garaagaraa walitti qabamaa jiraachuu eereera.
Qorannichi ammas cimee kan itti fufe ta’uu fi hojiin shakkamtoota adda baasuu hojjetamaa jiraachuu himeera.
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa fi qaamoleen haqaa naannolee waliin ta’uun olaantummaa seeraa mirkanneessuuf tattaaffii taasiifamu cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsuu isaa ragaan Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaarraa argame ni muul’isa.

Maddi: FBC

Follow us on:

YOUTUBE  FACEBOOK TELEGRAM GOOGLE NEWS TWITTER  INSTAGRAM PINTEREST

Subscribe and Follow us via Email

If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply