Wed. Oct 4th, 2023

Galmi Abbaa Muudaa Tuulamaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti eebbifame!

Galmi Abbaa Muudaa Tuulamaa bakka Hoggantoonni, Abbootiin Gadaa, keessummoonnii fi jirattoonni argamanitti bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Ganda Haadhootti eebbifameera.

Sirna Gadaa keessatti Abbaan Muudaa ga’ee olaanaa qabaachuu Abbaa Muudaa Tuulamaa Abbabaa Hayiluun himaniiru.

Abbaan Gadaa gara Aangootti wayita dhufu Abbaa Muudaatiin gaggeeffama. Ga’een Abbaa Gadaa Abbaa Muudaatiin himama jedhan.

Galmi Abbaa Muudaa kunis, akkaataa Sirna Gadaa keessatti hiika qabuun kan ijaarramuu himaniiru.

Dhaloonni ammaa sirna kana kunuunsee dhaloota dhufuuf dhaalchisuu akka qabu Abbaan Muudaa Tuulamaa dhaamaniiru.

Akka OBN gabaaseetti Abbootiin Gadaa eebba galmaatiin booda seera ittiin bulmaataa Galma Hammataa Addunyaa Dirree Bakkootti Seera namaa, Beelladaa, Bineensaa, Malkaa, Tuulluu, Lagaa fi Uumama tumaniiru.

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use caalaadd2@gmail.com as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply