Mootummaan Naannoo Oromiyaa Ganna Kana Manneen Barnoota Idileen Duraa 3000 ijaaruufi

Manneen Barnootaa Idileen Duraa (kindergarten) kuma 3
Ganna darbe sochii tajaajila lammummaatiin ummatni keenya daangaadhaa hanga daangaatti maallaqaan, humnaa fi beekumsa qabuun nu cina hiriiree, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa kuma 10 keessatti daree dabalataa kuma 34 ol ijaaruu dandeenyee jirra. Akkasumas manneen kitaabaa ummataa 375 gurmeessun kitaabota miiliyoona 1.2 oli sosochii tajaajila lammumaatiin tola ooltota irraa walitti qabnee manneen barnootaatiif akkasumas manneen kitaabaa gurmaa’aniif rabsinee jira.
Bara kana ammoo sochii tajaajila lammumaatiin manneen barnootaa idileen duraa (kindergarten) kuma 3 ol baadiyyaa fi magaalota Oromiyaatti ijaaruuf, akkasumas kitaabota miliyoona 3 walitti qabnee barattootaaf rabsuuf qophii xumurree jira!
Karoora kana milkeessuun seenaa guddaa hojjechuudha!
Milkaa’ina karoora kanaatiif tumsuun dhaloota haaraa, sabboonummaadaan guddisuudha. Daa’imman keenya , beekumsaa, dandeettii teeknooloojii akkasumas dandeettii kalaqaa isaanii cimsuudhaan dhaloota cimaa ijaaruudha! Egeree Oromoo Ifa gochuudha!
Kanaafuu milkaa’ina karoora kanaatiif Oromoon marti tokkumaadhaan tumsuun dirqama ta’a!
Obbo. Addisuu Araggaa
Follow us on:
YOUTUBE FACEBOOK TELEGRAM GOOGLE NEWS TWITTER INSTAGRAM PINTEREST
Subscribe and Follow us via Email
If you have any comment regarding this article contact us at contact@ethiopianstoday.com