Wed. Aug 26th, 2026

Loading

Ramaddiin barattoota Yuunivarsiitii seenanii halkan har’aa ni ifooma – Ministeera Barnootaa

Ramaddiin barattoota Yuunivarsiitii seenanii halkan har’aa kan ifoomu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Ramaddiin barattoota bara 2014 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuun % 50 ol fidan Yuunivarsiitiwwan mootummaa ministeerichaa waamamaa ta’anitti baasii mootummaan barataniif har’a halkan walakkaa kan ifoomu ta’uu ibseera.

Yuunivarsiitiwwan kunneen hanga Guraandha 15, 2015tti qophii barbaachisu taasiisuun yeroo barattoota haaraa itti simatan kan ifoomsan ta’uu isaan barattoonni qophii barbaachisu akka taasiisan ministeerichi yaadachiiseera.

Batattoonni filannoowwan armaan gadiin iddoo itti ramadaman odeeffachuu akka danda’an ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.

Haaluma kanaan Website: https://result.ethernet.edu.et ፤SMS: 9444፤Telegram bot: @moestudentbot

Ramaddichaan walqabatee gaaffiin yoo jiraate ፡-result.ethernet.edu.et dhiyeeffachuu kan danda’an ta’uu ibseeta.

Source: FBC

By Chala Dandessa

I am Lecturer, Researcher and Freelancer. I am the founder and Editor at ETHIOPIANS TODAY website. If you have any comment use [email protected] as email contact. Additionally you can contact us through the contact page of www.ethiopianstoday.com.

Leave a Reply