Thu. May 19th, 2022

“Namoonni siyaasaa of caalaa biyyaafi saba dursuu qabu” – Doktar Gammachiis Dastaa

Nama lallaba amantii pirotestaantii keessatti daran jaalataman, akkasumas leenjii gaggeessummaarratti kennaniin qalbii namaa kan hawatan, chaanaaliiwwan amantii kanneen akka Mo’aafi ‘Evangelical’ akkasumas, kan biyya lafaa (kan amantii hintaane) ‘LTV’ hundeessuun kan hogganan Doktar Gammachiis Dastaa keessumaa keenya maxxansa kanaati. Dubbisa gaarii!

Bariisaa: Doktar dubbistoota keenyaan walbaraa.

Doktar Gammachiis: Tole, maqaankoo Gammachiis Dastaa Buubaan jedhama. Kanin dhaladhe Finfinnee, Gullallee, naannawa Hospitaala Phaawuloositti. Ergan xiqqoo guddadhee booda garuu gara Naqamtee deemne. Barnootakoommoo Dambi Dolloo, mana barnootaa BESS (Bethel Evangelical Secondary School)ttin xumure.

Abbaan koo nama Naqamteeti. Haatikoo Wubaayyoo Galaalchaa jedhamti, nama Dambi Dollooti. Amma haatikoos abbaankoos Ameerikaa jiraatu. Barnootakoo digrii jalqabaafi maastarsii tokko biyyatti baradheen isa booda Ameerikaa deemee maastarsii lama ‘systematic theology’fi ‘Masters of Education’ akkasumas doktireetii ‘Leadership’ baradheen deebi’ee dhufe.

Bariisaa: Maatii keessaniif ilma meeqaffaadha?

Doktar Gammachiis: Ani maatiikootiif ilma hangafaafi dhiira tokkicha. Obbolaa quxusuu sadii Leensaa, Saaraafi Solomee jedhamaniin qaba.

Haati manaakoo Naasisee Baaroo Tumsaa jedhamti. Intala hangafaati. Ijoollee sadiin qaba. Inni hangafaa Labsii jedhama, warri lammaffaafi sadaffaammoo durba yoo ta’an, Deebiifi Raayyaa jedhamu.

Bariisaa: Yoom biyyaa baatan?

Dokar Gammachiis: ALA bara 1999, gara waggoota 21 ta’eera jechuudha.

Bariisaa: Haalli guddina keessanii maal fakkaata ture, Akkamiin as geessan, mul’ata akkamiimmoo qabdu turtan?

Doktar Gammachiis: Maatiinkoo maatii rakkina baay’ee keessa darbeedha. Abbaankoo bara Dargii waggaa shan mana hidhaa turan. Oromummaafi kiristaanummaarraan kan ka’e jechuudha. Ani ijoollummaakoorraa kaasee barnoota nan jaaladha. Kanaafi, mana barnootaa banuudhaan kanin irratti hojjetaa jiru.

Bariisaa: Dargaggummaa keessanoo akkamii dabarsiitan, maaliinis yaadattu?

Doktar Gammachiis: Umriikoo dargaggummaatti waan gurguddaa sadiin baradhe. Tokkoffaa abbaankoo mucaa xinnoodha jedhee waan xiqqoo natti hinodeessu. Yeroo hunda waanuma guguddaa haasofna.

Kanaaf umrii dargaggummaatti sababuma xiqqoo ta’aniif waan xiqqoorratti yeroo dabarsuu mannaa waan guguddaa yaaduun gaariidha. Lammaffaan ammoo barachuufi dubbisuudha. Beekumsaaf qalbii ofii guddifachuun baay’ee barbaachisaadha. Inni sadaffaafi cimaan ammoo jabaatanii hojjechuudha.

Bariisaa: Lallaba keessanirratti kan ittiin beekamtan keessaa “Akkan isin jaaladhu isinuu beektu” kan jedhuudha. Mee maalirraa ka’eetu, eessaas dhaaltan?

Doktar Gammachiis: Jaalalli bu’uura waa hundaati. Bu’uura hariiroofi tokkummaati. Lafa jaalalli hinjirre nagaafi gammachuun jiraachuu hindanda’u. Ummanni keenyammoo baroota baay’eef rakkina keessa jira. Keessumaa Itoophiyaan kan beekamtu waraanaani. Har’as boris waraana, duula. Kanaaf duulaafi waraana kana yommuu ilaaltu biyyi kun dheebuu jaalalaa akka qabdu, jaalalli biyya kanaaf barbaachisaa akka ta’e waanin amanuufin jaalalarratti hojjechuuf murteesse.

Kanaafuu akkan isin jaaladhu isiniyyuu beektu kanin jedhu akka namnis waljaalatu gochuufi. Walwaraanuu caalaa, qomoo qomoodhaan walhiree waljibbaa, isarra darbeemmoo qomoodhuma tokko keessatti kutaadhaan waljibbaa, kutaadhuma keessatti ammoo amantiidhaan, umriidhaan, korniyaan waljibbaa. Kunniin hundi hafee namoonni marti gara jaalalaatti akka dhufan fedhasaa waanin qabuufi.

Bariisaa: Yeroo baay’ee hojii leenjii gaggeessummaatti yommuu dhamaatan mul’attu. Mee wanti isin leenjisaa turtan sun amma ija godhateemoo akkam ta’e?

Doktar Gammachiis: Jijjiirama

baay’ee argisiisaa jira. Warri nu biraa gaggeessummaa baratan biyya gaggeessaa jiru. Leenjiiwwan garagaraa kan nu biraa fudhatanis ta’u, kanneen kolleejji keenya liidistaaritti baratan waldaa kiristaanaa keessattis haa ta’u sadarkaa biyyaatti hogganummaatti dhufaniiru. Kun bu’aa arganneerra jennee itti gammadnu keessaas isa guddaadha.

Bariisaa: Barnootarratti xiyyeeffannaa addaadha kan isin qabdan. Manneen barnootaa sadarkaa gadiirraa kaasee bantanii hojjetaa jirtu. Mee kun maalirraa madde? Maali bu’aansaa, maalis fuulduratti ilaalatani irratti hojjetaa jirtu?

Doktar Gammachiis: Sababnisaa ani maatii sooressa keessaa hindhufne. Yeroo abbaankoo mana hidhaa ture haatikoo baay’ee rakkattee na barsiifte. Yeroo sanattis haatikoo kan na dhaalchiste barnoota. Yeroon Naqamte ture mana barnootaa warra Kaatolikiittin baradhe. Yommuun isa xumurummoo Dambi Dollootti na ergitee rakkinaan na barsiifte. Kanaaf waanti isheen gatii itti baastee naa kennite barnoota. Barnoota argachuukoorraa kan ka’een har’a nama ta’uu danda’e.

Nama nama gochuu kan danda’u barnoota waan ta’eef barnootarratti hojjechuun jaaladha. Namni tokko barannaan qotuu, daldaluu, jiraachuufi guddachuu danda’a,

Bariisaa: Mee hojii maal maalirratti bobbaatanii jirtu?

Doktar Gammachiis: Hojii bal’aadhaa biyya kana keessatti hojjechaa kan jirru. Seekarri guddaan irratti bobbaane barnoota. Sadarkaa oolmaa daa’immaniirraa kaasee hanga yunvarsiitiitti mana barumsaa qabna. Shaashamanneefi Finfinneetti barattoota hedduu barsiisaa jirra.

Bariisaa: Barnootarratti xiyyeeffachuun keessan sababa addaa qabamoo?

Doktar Gammachiis: Inni jalqabaa hundumtuu akka waamichaafi dandeettiisaatti hojjeta. Gaazexeessaan narsii ta’ee nama yaaluu hindanda’u; narsiin immoo ogummaasaa ala waan biraa hojjechuu hinqabu. Namni tokko waan beeku hojjechuutu irra jira. Kanaaf ani barnoota nan jaaladha, kanin hojjechuu qabus isa. Barnoonni immoo akka nama jijjiiruu danda’u waanin beekufin isarratti hojjechaan jira.

Bariisaa: Damee sanaan lafan yaade ga’eera jettanii amantuu?

Doktar Gammachiis: Lakki! Reefuyyuu jalqabna.

Bariisaa: Mul’anni keessan fuulduraa maali?

Doktar Gammachiis: Mul’anni keenya guutuummaa Itoophiyaa darbees, biyyoota Afrikaa addaddaatti barnoota babal’isuudha. Amma mana barumsaa sadarkaa oolmaa daa’immanii hanga lammaffaatti lamaafi yunvarsiitii tokko qabna. Afraffaammoo Bishooftuutti ‘International Boarding School’ ijaaruuf jenna. Achii Wallagga, Booranaafi Harargeetti darbees guutuu biyyaatti dhawaata dhawaataan banuuf yaadna.

Bariisaa: Carraa barnootaa kanatti warra kanfalanii barachuu danda’an qofa miti barataa kan jiru. Dhiheenyuma kanallee ijoollee Artisti Haacaaluuf carraa barnoota tolaa kennitaniittu. Daa’immaniifi ga’eessonni kaanis kan carraa akkanaa argatan baay’eedha. Mee sun maalirraa madde?

Doktar Gammachiis: Namni tokko gaafa waa tokko hojjechuuf karoorfatee ka’u, maniin koo maalinni jedhee lafa kaa’ata. Yeroon mana barnootaa tokko dhaabu akeekni horii baay’ee sassaabbachuudhamoo dhaloota horachuudha jedhee yaada. Anaaf akeekni inni dhumaa dhaloota horachuudha malee horii sassaabbachuu miti.

Hojichi akka horii namaa argamsiisu beekamaadha, namni kanfalee waan baratuuf. Garuu anaaf isa miti milkaa’inni. Maaliif horii baay’ees xiqqoo qabaattus jireenyuma tokkittiidha kan jiraattu. Inni qabus inni hinqabnes ni uffata, ni nyaata ni rafa.

Kan nama gammachiisu garuu dhaloota barachuu danda’u horachuudha. Kanaafi, sadarkaalee hundatti carraa barnoota bilisaa kan kenninu. Ijoolleen Haacaaluu sadanis konkolaataan ramadameefi tola akka baratan, gaafa barnootasaanii isa asii Kaambiriij Akkaadaamii xumuran ammoo Ingiliizi ykn Ameerikaa deemanii barnootasaanii ittifufu. Kanammoo anaafi haadha warraakootu murteesse.

Bariisaa: Ijoolleen manni barnootaa keessan inni Finfinnee ‘Cambridge Academy’tti baratan kaanis gaafa achii xumuran gara Ameerikaa ykn Ingiliz deemu jechuudhaa?

Doktar Gammachiis: Eeyyee, sirni barnootaa (kaarikulamiin) isaan baratan kan Biritishiifi Ameerikaati. Gaafa isaan kutaa 11fa qaqqaban carraa barnoota bilisaa barbaaduufii eegalla. Akkuma isa xumuraniin deemu jechuudha. Qormaanni xumuraas kan kennamuuf kan yunvarsiitii biyya Ameerikaafi Ingilizi.

Mana Barnootaa kanatti afaanota shaniin baratu. Afaan Oromoo, Amaariffa, Ingiliffa, Faransaayiffaafi Chaayiniffa baratu. Fuuldurattimmoo Arabiffis ni eegalama.

Bariisaa: Manni barumsichaa bal’ina lafaa hammamiirratti ijaarame? Baasiinsaa hoo?

Doktar Gammachiis: Hektaara sadii ykn kaaree meetira kuma 30dha. Baasiin itti ba’es gara miliyoona 600 oliiti.

Bariisaa: Mee damee kanaan lammii biyya keessaafis ta’u alaatiif carraa hojii hammamii uumtan?

Doktar Gammachiis: Lammii biyya alaa 20 oliiti. Baay’eensaanii Ameerikaanotaafi Ingilizoota yoo ta’an, lammiileen Afrikaa Kibbaafi Biraazilis ni jiru. Guutummaadhuma dhaabbata keenyaatti gara namoota 500 oltu carraa argate.

Bariisaa: Namoota hamma kanaatiif carraa hojii uumuun waan guddaadhaatii mee miira akkamii isinitti uume?

Doktar Gammachiis: Hojii kanatti baay’een itti gammada, ittis boona. Hundumaa caalaa garuu jireenyikoo jireenya galataati. Waaqayyoon guddaan galateeffadha. Waggaa kudhan dura yeroon yeroo jalqabaatiif Itoophiyaa dhufe kiisiinkoo duwwaadha. Lafas manas, qabeenyas hinqabun ture.

Horii kana kan fide tokkoffaa mul’ata qabaachuudha. Lammaffaa mul’ata galmaan ga’uuf karoora qabaachuudha. Sadaffaa karoora waan xiqqoorraa jalqabuudha. Afraffaa jabaatanii hojjechuudha. Inni walqabatee walqabatee guddata jechuudha. Kana dabalataan ammoo abdii kutannaa hinbarbaachisu. Diinni, gufuun keessaafi alaa baay’eedha, sirniifi birokraasiin jiru rakkisaafi dadhabsiisaa ta’uu mala. Kanneen hunda bira dabarre as ga’uu keenyaaf garuu Waaqayyon galateeffadha.

Bariisaa: Biyyi keenya barnootaaf xiyyeeffannaa kan kennitu erga sadarka olaanaa qaqqabaniidha. Kun immoo isa gajjallaatti dabee dhufe sirreessuuf rakkisaadha. Isin godaa kaasatanii irratti xiyyeeffattanii hojjechuun keessan maaliif?

Doktar Gammachiis: Kan jireenya namaa jijjjiiru yunvarsiitii osoo hintaane sadarkaa tokkoffaafi lammaffaadha. Yoo achitti bu’urri tole isa sadarkaa lammaffaas qajeelee xumuruu danda’a. Ani muuxannoo dhuunfaakoorraa ka’ee yoon sitti himu, anaaf mana barnootaa ‘BESS’ galuun koo waan baay’ee daandii naa qabsiiseera. Kanaafi ijoollees sadarkaa kanatti bu’uura qabsiifnee barsiisuuf kan yaadnu.

Bariisaa: Namoonni baay’een imaammanni barnootaa biyyattii hojjechiisaa akka hintaane dubbatu. Isinimmoo keessa jirtuutii, mee isin yaada maalii qabdu? Rakkoon akkanaa isin hinmudannee?

Doktar Gammachiis: Uuuuu… Isa lafan jalqabee sitti himu hinqabu. Baay’ee abdii kutachiisaafi mogalee kan nama buusuudha. Si jajjabeessuu, karaa sitti agarsiisuufi si cimsuu caalaa akka ati dhiistee deemtu kan godhan birokraasii hedduudha. Carraa kanaan ministeerri barnootaa of xiinxalee haala itti dhaabbilee dhuunfaa gargaaruun danda’amurratti kallattii kaa’uu qaba.

Akkamittiin to’annaa qofa osoo hintaane akkamittis gargaarra isa jedhu ilaaluu qabu. Isaan dhaabbata to’aataadha malee dhaabbata deggarsaa miti. Dhaabbanni deggarsaa dadhabbiikeetti gadi bu’ee akka ati jabaattu erga taasisee booda utuu si to’atee baay’ee gaariidha.

Mucaadhuma har’a dhalate maaliif ol jedhee hinadeemu, maaliif surree hinhidhatu, maaliif harkasaatiin hin nyaatu? jetta taanaan mucaa sana guddisuu hindandeessu. Kanaaf manneen barnootaa dhuunfaa biyya kana keessa jiran akkasaan jabaatanii adeemaniif deggaruu barbaachisan jedha.

Ministeerri barnootaa, dhaabbileen to’atan, qulqullina hordofaniifi eeyyama laatan of xiinxalanii haala itti cimsanii gargaaran irratti utuu yaadanii gaariidha.

Bariisaa: Yeroon keessa jirru yeroo vaayirasiin koronaa itti babal’ateedha. Kanaaf hawaasni mana barnootaa keessanii ofeeggannaa akkamiin hojjetaa jiru?

Doktar Gammachiis: Barattoonniifi barsiisoonni akkasumas, hojjettoonni mana barnootaa keenyaa hundi maaskiin qophaa’ee kennameefii isa kaa’atanii fayyadamu. Manni barnootaa keenya kutaa babal’aa qaba.

Mooraa kana keessa kutaan barnootaa qofti gara 400ti. Kanaaf rakkoo iddoo waan hinqabneef babal’isne, gargar fageessinee teessifna. Bakka harka dhiqannaa ga’aa qabna. Manni fincaaniisaa sadarkaafi qulqullinaasaa kan eeggateedha. Wiirtuu fayyaafi narsii mataa keenyaa ni qabna. Koreen koviidis ni jira. Koree kana keessa, doktaroonni, narsoonni, barsiisonniifi maatiin barattootaa keessatti argamu.

Bariisaa: Akka nutti himtanitti invastimantii guddaadha kan sochoosaa jirtan. Mee Oromoon dinagdee akkanaa keessa galuunsaa hiika akkamii qaba? Saba kana maalis gorsitu?

Doktar Gammachiis: Oromoon ummata daran guddaadha. Mul’ataafi carraa guddaas qaba. Kanaaf yoo jabaatee hojjete waanti inni bira hingeenye hinjiru. Waan tokko fagootti ilaalanii sodaachuun sirrii miti. Ani Ameerikaadhaa kanin argadhe barumsa malee horii miti. Biyya kanattis yaada fidee dhufeen invasti godhe malee horii miti. Hojiikoos waan xiqqoodhaan darbii tokko kireeffadheen jalqabe. Isumarratti dabalaa deemuun babal’isnee guddisne.

Kanaaf Oromoonis fagootti sodaachuurra akkuma nama kamiyyuu mul’ata qabaatee jabaatee hojjennaan eessayyuu ga’uu inuma danda’a kan jedhun amana.

Bariisaa: Mee hojii barnootaatii yommuu baanu, miidiyaadhaafis ilaalcha addaati kan qabdan. Miidiyaalee amantiis ta’u kan biyya lafaa hundeessuufi hogganuutiin beekamtu. Mo’aa, ‘Evangelical’, akkasumas, ‘LTV’ kaasuun ni danda’ama. Ilaalchi kun maalirraa madde laata?

Doktar Gammachiis: Miidiyaan akkuma beekamu waltajjii yaadaati. Kana jechuun yaada sammuukee keessa jiru waltajjii ittiin nama biraan geessuudha. Miidiyaa jechuun kaameeraa ykn istuudiyoo ykn gamoo miti. Kanaaf yeroo hunda akkamittiin yaadan qabu nama hedduu biraan ga’uu danda’a akkasumas biyyaaf dafee tamsaasuu danda’a isa jedhu waanin yaaduuf hawwiifi fedha sanarraa kan ka’en gara miidiyaatti dhufe jechuudha. Kanaaf Mo’aa, ‘Evangelical’fi ‘LTV’ bannee hojjechaa jirra. Ammaaf garuu ‘LTV’n dhaabbateera.

Bariisaa: ‘LTV’n cufamee hafamoo ni deebi’a?

Doktar Gammachiis: (Kolfaa…) Gara fuulduraatti hinbeeknu, ammaaf garuu dhaabneerra.

Bariisaa: Haal waliigalaa biyya keenyaa amma jiru akkamiin ilaaltu, maalis taajjabdu? Utuu maal ta’e wayyammoo jettu?

Doktar Gammachiis: Amma Waaqayyoo biyya keenyaaf carraafi yeroo guddaa fideera. Akka hawwiikootti utuu amma namni hunduu waliigalee, nagaafi tokkummaa horatee, tasgabbaa’ee hojii hojjete bakka fagoo ga’uu dandeenya. Yeroon akkasii seenaadhuma Itoophiyaa keessatti dhufee beeka jedhee hin yaadu. Kanaaf yeroo akkasii namoonni hundinuu walta’anii, walii obsaniifi waldanda’anii utuu jiraatanii bakka guddaas ni ga’ama.

Addunyaa kanarratti fedhiikee hamma ta’edha kan ati argattu. Fedhiinkee dhibbaa dhibbatti kan sii guutu yeroo Waaqayyoo si eebbisuufi gargaaru malee, haala biyya lafaa kanatti jiraanne fedhiin keenya guutummaatti nuu guutamuufi qulqullaa’uu hindanda’u.

Bariisaa: Namoonni biyyi kun sichi caalaatti ni rakkatti jedhan ni jiru. Mee Doktar isin kanarratti yaada maalii qabdu?

Doktar Gammachiis: Ani akkakootti gara eebbaatti deemna malee hinrakkannun jedha. Rakkinoota guguddoo keessa darbaa jirra. Rakkinni addunyaa kanarraa hindhibu. Ameerikaafi Awurooppaas rakkinni inuma jira. Nuti garuu rakkinaa ba’aa gara ulfinaatti adeemna malee rakkinatti galaa hindeemnu.

Bariisaa: Addatti dargaggootaaf maal dhaamtu?

Doktar Gammachiis: Dargaggoonni tokkoffaarratti akka dhuunfaatti mul’ata qabaadhaa. Egeree keessan mul’ataan gaggeessaa, eessaan ka’a jedhaas karoorfadhaa. Karoora keessan iimmoo waan xiqqoorraa jalqabaa. Waan xiqqoofi gadi jechuu hintuffatiinaa. Jabaadhaa hojjedhaa. Isaa booda lafa guddaa ga’uu dandeessu, Waaqayyo isin haa eebbisu, biyya nagaa qabaadhaa jechuuniin barbaada.

Bariisaa: Inni biraa nageenyiifi araarri biyyattiitti akka dhufu kadhataas turtaniittu. Namoota kaanii waliin ta’uunis sirreessuuf yaaltaniittu. Mee inni yaaddan milkaa’ee biyyattiin gara eebbashee akka geessuuf hoggansa biyyattiifi paartiilee siyaasaarraa maaltu eegama jettu?

Doktar Gammachiis: Yommuu siyaasa hojjetu kan biyyaaf hojjetu akkuma jiru kan dhuunfaasaaf hojjetus jira. Siyaasni garuu saayinsii ummata ittiin bulchituudha. Kanaaf warri siyaasa hojjetan of caalaa biyyaafi saba dursuu qabu. “Yoon aangoo argadhe malee du’een argama” dhiisanii biyya kanaaf yoo maal ta’e wayya, dhaloota kanaaf maaltu fayyada, saba kanaaf maal haa ta’u jedhanii utuu hojjetanii nagaan ni argama.

Siyaasa keessatti garuu ofii kootiif qofa, garaakoof duwwaa, maatiikootiif duwwaa, aangookootiif duwwaa jetta taanaan yeroo hunda rakkina uumaa deemta. Namoota waliinis walitti bu’aa deemta. Isa kanarraa of qusachuufi ofeeggachuun barbaachisaadha jechuudha.

Bariisaa: Ummata sirriitti akka tajaajilaniifoo hanqina isaan gidduutti uumamu akkamiin hiikkachuu qabu jettu?

Doktar Gammachiis: Yeroo hunda namoonni siyaasaa yaadota addaddaa akka qaban beekamaadha. Kan barbaachisu yaada yaadan falmuudha. Yeroo hundumaa yaadni mo’u yaada gaarii qofa osoo hintaane yaada namni amanee fudhatedha.

Ani “yaadikoo sirriidha” gaafan jedhu, inni naan mormuus “yaadakootu sirriidha” jedha. Garuu kan mo’u yaada isa sirrii qofa osoo hintaane yaada isa namoonni biraan itti amananii fudhatanidha. Kanaaf yaadakee fuutee namoota amansiisuu danda’uutu sirra jiraata jechuudha.

Yoo yaadnikoo fudhatamuu didemmoo achii as deebi’ee maaliifin mo’ame, yaadni koo maaliif fudhatamuu dide isa jedhu of xiinxaleefi qeeqee, ammas deebi’ee dorgommiittin gala malee sababa yaadnikoo mo’ameef meeshaadhaan, aangoodhaan waraanaan yaadakoo galmaan ga’aadha yoo jedheme hinta’u. Attamitti yaadakoo amansiisee yaada mo’aa taasisuu danda’a isa jedhurratti utuu xiyyeeffatanii gaarii ta’a.

Bariisaa: Lammiileen biyya alaa jiran lammiisaaniif hammam quuqamu? Ilaalcha akkamiiwoo qabu?

Doktar Gammachiis: Namoonni biyya alaa jiran ganama, guyyaafi galgala kan isaan yaadan waa’ee biyyasaaniiti. Kan isaan waa’ee biyyasaanii yaadaniifi hubatan garuu hamma qaawwaa mobaayiliin isaanii agarsiisu qofaatti. Isheen immoo waan xiqqoo itti agarsiifti.

Namni biyya kana dhufee arge nama dubbisa, biyya ilaala, waan biyya keessatti taa’aa jiru qaamaan dhufee arga. Inni fagoo garuu carraa kanaa waan hinqabneef waanuman namni biyya jiru darbateef karaa bilbilasaa arga.

Kana argee gadda, aara ykn dubbata. Kanaaf namoonni biyya alaa jiran kana caalaa biyyasaanii dhufanii yoo argan, dhufanii hojii yoo hojjetan, biyyasaanii yoo gargaaran, kufaatii biyyasaanii dhufanii yoo ol qaban, biyyaaf ammoo waan ijaaru yoo hojjetan gaarii ta’a.

Bariisaa: Maaliif dhufanii waan qabaniin hinhojjetan, hanqinni odeeffannoo jiraa laata?

Doktar Gammachiis: Hanqinni odeeffannoo akkuma jirutti ta’ee, warri dhufanii deebi’aniis muuxannoo gaarii argatanii hindeeman. Amma ani dhufee ayyaanaafi gargaarsa Waaqayyootiinin asitti hafe malee haalli si hojjechiisu jiraate miti. Yoo hojjechuu barbaadde birokraasiinsaa sin hojjechiisu. Inni kaan matta’aa si gaafata. Inni kaan humnaan inni kaan firaan, kaan qomoodhaan si dhiiba.

Kanaaf muuxannoon biyya kana jiru hawataa waan hintaaneef namni alaa dhufee asii deebi’e “biyya sana dhaquu jechuun abaarsa keessa galudha” jedhee waan yaaduuf warra achi jiranis akkanatti hubachiisa.

Bariisaa: Biyyi keenya dhabiinsa bulchiinsa gaariirraa kan ka’e waa tokko raawwatachuun rakkisaa ta’aa jira. Kana fooyyessuuf hoggantoonni imaammata jijjiirurraa kaase maal gochuutu irra jira jettu?

Doktar Gammachiis: Imaammati, caasaan, waajjirriifi bulchiinsi ni jira. Kunneen hunda caalaa garuu hojjettoonni kaayyoofi karoora dhaabbatichaa hojiirra oolchuuf akkamitti danda’u isa jedhuuf kaka’umsatu barbaachiisa.

Hoggansa keessatti saayinsiin baay’ee irratti qoratamu kaka’umsa humna namaati. Miindaa ga’aa, kunuunsa gaarii, leenjii gaarii, meeshaa guutuu, naannawa mijataafi kkf qabaachuun hojjetaa ilaalamuu qaba. Waajjirrisaa hawataa ta’uu mala.

Yoo naannawa jirutti gammadaadha ta’e gammadee si simata. Amma manakee keessa, bunni, shaayiin, ittoon hindaanqoo, hoolaan jiraate namni gaafa dhufu fuula ifaan simatta. Yoo manakee keessa waa hinjiru ta’e garuu hingammaddu. Sababnisaa nama sana gammachiisu hindandeessu.

Namni baay’een gara waajjiraa gaafa dhufu ofiisaayyuu gammadaa miti. Kaan mindaarratti komii qaba, kaan hojjechiisaasaatu sirrii miti, kaan leenjii ga’aa hinarganne, kaan meeshaan itti hojjetu hinhojjetu, naannawaan hojiisaa qulqulluufi mijataa miti, waajjiricha keessa loogiitu jira.

Kanaaf namni kamiyyuu naannawaa keessa jiruutti gammadaa yoo ta’e haalaan nama tajaajila. Kaka’umsi mindaa qofa miti, naannawaan hojii mijataa yoo ta’e, hariiroon hojjetaafi hojjechiisaa walqixxaataa yoo ta’e hojjettoonni kaka’umsa ni qabaatu. Hammam karooraafi caasaa baafte milkeessuu hindandeessu. Biyyi kun rakkina karooraafi imaammataa hinqabdu. Rakkina humna namaa kaka’umsa qabuu qabdi.

Bariisaa: Mee biyyi keenya filannootti deemaa jirtiitii, ergaa akkamii qabdu?

Doktar Gammachiis: Filannichi filannoo nagaa akka ta’u hawwaa, warri mo’aman aangoo akka gadidhiisan, warri mo’emmoo obsaafi qalbiidhaan biyya akka gaggeessanin gaafadha. Akka Tiraampi Ameerikaa qaanessetti akka nun qaaneessine. Ani waan gaariitu natti mul’ata. Biyyattiin isa booda gara guddinaafi ifatti waan baatu natti fakkaata.

Bariisaa: Doktar, guutummaatti as deebitanittumoo? Gidduudhuma deddeebitu?

Doktar Gammachiis: Lakki hindeebine. Ani Ameerikaadhaas hojii guddaan qaba. Isa malee gara biyyoota 18 keessattin hojii barnootaa hojjetaa jira. Chaayinaadhaa, Dubaayirraa, Afrikaa Kibbaafi biyyoota biroorraa barattoota qabna.

Bariisaa: Matadureen hojii barnootaa keessa maal jedhama?

Doktar Gammachiis: Matadureen keenya, “Sadarkaa addunyaatti hoggantoota jijjiirama fiduu danda’an omishuu” kan jedhuudha. Oromoon tokko akka inni Oromiyaaf leenji’uu hinbarbaannu nuti. Tigreen Tigraayiif, Amaarris Amaaraaf akka leenji’uu miti kan yaadnu. Oromoon tokko ani addunyaaf qoricha jedhee akka inni yaadu barbaanna.

Bariisaa: Hanga yoonaa lammiilee meeqa sadarkaa garagaraatiin barsiiftanii biyyaaf gumaachitan laata?

Doktar Gammachiis: Gara kuma 20 ol.

Bariisaa: Dhumarratti yoo ergaa qabaattan.

Doktar Gammachiis: Hojiin warri Bariisaa daran guddaadha. Bariisaan Guddinaa Tumsaafi Baaroo Tumsaafaa itti rakkatanii gaazexaa jalqabaniidha. Abbaankoo ijoollummaasaatti Wallaggaafi naannawa Finfinneetti Bariisaa raabsaa ture. Kanaaf gaazexichaaf kabajaafi jaalala guddaan qaba. Ammammoo karaa onlaayinii odeeffannoo dhiheessuu eegaluun keessan waan guddaa waan ta’eef caalaatti jabaattanii akka deemtanii ummata bal’aa bira akka geessanin hawwa.

Gaazexaa Bariisaa Amajji 29/2013

 130 total views,  1 views today

By Chala Dandessa

Name: Chala Dandessa. I was born in West Shewa Zone, Chobi District of Oromia Region, Ethiopia in 1989. Founder of Ethiopians Today Website Currently I am Lecturer at Jimma Teachers College. Peace and Unity for our country! https://ethiopianstoday.com

Leave a Reply

error: Content is protected !!
%d bloggers like this: