Mon. Jun 17th, 2024

Nabiyyuu Salamooniin

“Qotiyyoonana ati Qotuufi miti Qotiyyoonnana mi’a Gichaatti Rakkisuufi Malee” Gurbattinnana Ati Loluufi miti Gurbattinnana Fira Gara wal hanqisufi malee” !!!

Jedhee Salaalee Guyya Dubbiin Akka Malee
Miciiramuu!!

Itoophiyaan bocaaf daangaa amma qabdu kana akka laayyoti hin argane. Mootonni kutaalee biyyattii adda addaa baay’een wal waraananii jiru. Tewoodroos Minilki,waraane, qabee hidhe. Yohaanis Ingilizootaa gargaaree Tewoodroos ajjeechise. Minilki Mahaadistiif Xaaliyaanii waliin ta’ee Yohaanis ajjeechisiise. San booda Haggaya bara 1889 Goobana qorichaan ajjeesissee Saadasa 1889 Mootii biyyattii ta’ee Muudame. Haala kanaan biyyati keessati dhiiga baay’eetu dhangala’e. Lafee baay’eetu cabe. Nama baay’eetu qe’ee itti dhabe. Gosti itti nu bade lakkoofsa hin qabu. Adeemsa ijaarsa biyya Itoophiyaa kana keessati immoo kan akka Gosa #Tuulamaa_aarsaa_kanfale jira jechuun rakkisaadha. Yeroo Saahilesillaasen Galaaniif Abbichuu wal waraansisaa ture irraa kaasee amma hardhaati Tuulamni aarsaa guddaa kanfalaa jira. Yeroo jalqabaaf diinaan waraanamuun aarsaa kanfale. Booda biyya ijaaruu keessati aarsaa guddaa kanfale. Erga ijaaramtee booda diinarraa eeguuf aarsaa kanfala. Hanga hardhaati lafaafi qe’ee irraa buqa’uun aarsaa itti kanfalaa jira.

Rakkoon dhaloota dhalootatti darbe kana baatee; Tuulamni hardhas Itoophiyaan biyya tiyya dhiigan itti dhangalaase; lafeen itti cabe, qe’eef ilmoon itti dhabe jedhee laphee guutun eegaa jira. Hardhas akkuma kaleessaa Itoophiyaa diinarraa qolachuuf duubati hin jenne. Ijoollee isaa kumaatamaan itti bobaasaa!

Itoophiyaan biyya Sabaaf Sablammoota baay’eeti. Kuni qabeenya guddaadha. Garuu amma ammaati haalan itti fayyadamuun hin danda’amne. Rakkoolee qabnu keessaa tokko Akka kiyyati Itoophiyaa kan walitti qabee hardhaan gahe rakkoodha. Akkuma rakkoon Tuulamarra gahaa ture Tuulamaaf Itoophiyaa firoomse; rakkoon wal xaxaaf wal fakkaataa qabaachuun sabaaf sablammoota biyyattii walitti hidhee ture jechuun ni danda’ama. Diina waloo qabaachuuf waliin ta’uun mo’achuun Sabaaf Sablammoota walitti hidhee Itoophiyaa hardhaan gahee jira.

Bakki dhaloota Ithoophiyaa kaaba biyyattiiti
Warri Ithoophiyaan garam deemaa jirti jettan ammoo deebin isaa lixaa gara Kaabaa qa’ee ganamaattidha.Ithoophiyaan kan tolfamte ykn kan dhalatte kaabatti.Kan guddattee fi kan addunyaatti mul’atte ammoo handhuura Oromiyaa Finfinneetti.Warri Ithoophiyaa tolchan ammoo bakki itti sooramanii fi itti badhaadhan finfinneetti.Oromoon Ithoophiyaa ni soore(Kununse) malee hin tolchine.Kan Ithoophiyaa Sooree asiin gahe Oromoodha.Garuu kan Irraa fayyadame warra Sooree fi guddise Osoo hin taane,Warra Itoophiyaa tolche.
Jiraachuu fi jiraachuu dhabuun Itoophiyaa warra tolche osoo hin taane warra Ithoophiyaa Kununsee fi guddiseedha.Warri Ithoophiyaa finfinnee Qa’ee Ofiirratti Sooree fi guddise kunniin;Ithoophiyaa Bishaanii fi Midhaan dhoowwannaan gara qa’ee tolfamteetti deebi’uun ishii waan hin oolle.Finfinneen qubsuma gosa Oromoo damee Booranaa ilmaan Tuulamaa kan qe’ee Tufaa Munaati. Tuulama keessaa gosti guddoo fi Hangafaa kan taate #Galaantu irra jiraachaa ture. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa ka’ee Hawaas (Awaash) cehuun hanga walakkaa Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti kun balbala baayyee of jalatti kan qabu yoo ta’u hanga Wallootti diriiree jira.
Inni Lammaffaan Oboo Tuulamaa immoo Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa irraa kaasee hanga Qarree Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo ta’u, naannoo Finfinnee kan qubatee, ilma hangafaa Oboo kan ta’e gosa #Gumbichuu yoo ta’u hanga kaabaa Finfinnee naannoo Caancotti jira. Oboon gosa gurguddaa 7 qaba. Yeroo ammaas Torban Oboo jedhamuun waamamu. Ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran lamaan keessaa Gullallee Oboo fi Gullallee Beeroodha. Gullallee Oboo Finfinnee irraa kaasee gara kaabaa fi kaabaa dhihaatti diriiree hanga baha laga Mogoritti yoo ta’u gara kibbaatti immoo Galaan keessa gadi seenee jira.Inni sadeessoon immoo Eekkaa Oboo kan jedhamu Galaan irraa gara Kaabaa fi Gullallee irraa gara bahaatti laga Qabbanaawaa (Qabbannaa) irraa kaasee Finfinnee gara bahaa dhuunfatee hanga daangaa Gumbichuutti deema.
Lafti Finfinnee jedhamu kun bara Minilik keessa itti godaanuun qubsuma waraana fi maatii nafxanyootaa erga taate booda gara magaala guddiitti Empaayeritti jijjirame. Oromoonis bakka kana irraa buqqifamee gara kutaa adda addaatti faca’uufi gosoota naannoo sana jiranitti makamee ture.
Itti aanee Empaayerittii kan qabatees, bara Hayila Sillaasee, Shaggar babal’achaa deemuun, Oromoota buqqisee godaansisuu itti fufe. Baruma bittaa H/Sillaasee kana naannoon Finfinnee kun “mannaggashaa Awuraajjaa” jedhama. Finfinneen kantiiban haa bultu malee, Awuraajjaa kana jala turte, awuraajjichis akkuma qaamaa Finfinneetti ilaalama ture.Babal’ifannaan mootota habashaa bara Dargiis itti fufuun sirumaa hanga Km 125(kiiloo meetira) ta’a jedhamee odeeffamaa ture, Oromoota buqqiisuun bara dargiisi itti fufee ture. Dabalataanis Shaggar karaa kibba Dhihaatin jahan(6n) Bachootin daangeffama. Kan jechuun warra Finfinnee/Shaggar keessaa gadi dhiibamanii, naannoo Sabbataa fi naannoo Furii turan dabalatee jechaadha. Jahan Bachoo jechuun ilmaan jahan Bachoo-Tuulamaa hore jechudha

Fayyaa Tahaa

Finfinnee Yaa Biyya Koo Yaa Biyya Tufaa
Biyya Qajeelaa !!!

21/11/2014

Leave a Reply